Baatiiwwan Ja'an Darbanitti Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii Biiliyoona 1 Olitti Tilmaamamu To’atameera

165

Adaamaa Amajjii 15/2012 (TOI) Baatiiwwan ja'an darbanitti meeshaaleen kontirobaandii Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu  to’achuu isaa  Komishiniin Gumruukii Itiyoophiyaa beeksise.     

Komishinarri Komiihinii Gumruukii Itiyoophiyaa obbo Dabalee Qaabataan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti meeshaaleen kunneen kan to’ataman sakatta’iinsaa fi hordoffii meeshaalee alaa galuu fi ba’u irratti taasifameen ta’uu dubbataniiru.    

Balbala galumsaa fi ba’umsa biyyattii irratti meeshaaleen seeraan ala galanii fi ba’an hordoffii fi sakatta’iinsa taasifameen kanneen akka uffataa, elektirooniiksii, qorichaalee, meeshaaleen jijjiirraa qaama konkolaataa, shaqaxaa shaqaxni nyaataa, fi baalli sammuu adoochan heddumminaan to’atamuu ibsaniiru.  

Akkasumas buufata xiyyaaraatti maallaqni baayy’een qabamuu ibsaniiru.

Dabalataan kaaba bahaa biyyattiitti meeshaaleen waraanaa seeraan ala socho’aa turan baay’inaan to’atamuu isaanii komishinarichi eeraniiru.

Humni tikaa fi nageenya biyyaaleessaa, poolisiin federaalaa, qaamolee nageenyaa naannolee waliin qindoominaan hojii hojjetaniin meeshaaleen kunneen to’atamuu ibsaniiru.

Albuudonni Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 30tti tilmaamamuu fi horiin dhaabbiis to’atamaniiru jedhan obbo Dabaleen.  

Yeroo ammaattis biyyattiitti buufataalee to’annoo 90 ol hundeessuun hojiin to’annoo fi sakatta’iinsaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015