Misaa'elli Tor-M1 Jedhamu Xiyyaara Yukireeniin Akka Haleelame Iraan Mirkaneessite - ENA Afaan Oromoo
Misaa'elli Tor-M1 Jedhamu Xiyyaara Yukireeniin Akka Haleelame Iraan Mirkaneessite

Amajjii 13/2012 /TOI/ - Misaa'eloonni xiyyaara Yukireen haleelan lamaan misaa'eloota Raashiyaatti hojjataman kan Tor-M1 jedhaman akka ta'e Iraan mirkaneessite.
Dhaabbanni Siviil Aveeshinii Iraan misaa'eloonni Raashiyaatti hojjataman kunneen kaabarraa furguggifame jedhameera.
Loltoonni Iraan xiyyaara Yukireen imaltoota 176 fe’ee Amajjii 8 imalaa ture dogoggoraan rukutame jedhaniiru.
Guyyoota sadii haleellaan eega raawwatee booda haalaa kan turan yoo ta'u dhaabbanni Siiviil Aveeshinii Iraan rakkoon teeknikaa mudachuu danda'a jedhee ture.
Haa ta'uu malee eegdonni Iraan akka jedhanitti oppireetarri xiyyaara Boeing 737-800 dogoggoraan misaa'ela Ameerikaa se'ee haleele jedhaniiru.
Humni ittisa qilleensarraa Iraan yeroo sanatti Ameerikaan jeneraal Qaasim Solemaanii haleellaa qilleensaarraatiin waan ajjeefateef si'aayinaan of eeggachaa ture.
Xiyyaarichi misaa'elli Tor-M1 jedhamuun akka haleelame Dhaabbanni Siviil Aveeshinii Iraan mirkaneesseera.
Misaa'ela kana 'Nato'n SA-15 "Gauntlet" jechuu dhaan waama.
Haa ta'uu malee gabaasichi qeeqa haleellaa misaa'elichaa dhiisuun akkas jedha "dhiibbaan misaa'elichi geessisee fi xiinxalli gochichaa qoratamaa jira."
Viidiyoo marsaalee hawaasummaarratti namoonni waliif qoodaa turan akka agarsiisutti xiyyaarichi sekondii 23 keessatti misaa'ela lamaan rukutamee ture.
Gabaasni Dhaabbata Siviil Aveeshinii Iraan akka jedhetti qorattoonni Iraan odeeffannoo xiyyaarichaa fi waraabbii sagalee "black boxes" jedhamu hubachuuf "akka rakkatan" ibsa.
Achii booda gaafii gargaarsa meeshaa ittiin qoratanii dhaabbata Faransaayii BEA jedhamuu fi dhaabbata Ameerikaa tokkoof dhiheessaniiru.
Ta'us garuu dhaabbilee lameen "hamma ammaatti deebii hin kennine " jedha Dhaabbata Siivil Aveeshinii Iraan.
"Meeshaan gahaan yoo nuu dhiyaate odeeffannoo fudhannee yeroo gabaabaa keessatti waan hunda ni xumurra," jedhaniiru.
Madda: BBC