Itiyoophiyaan Waggoota 15 Keessatti Saatalaayitii 10 Gara Hawaatti Erguuf Karoorfattee Jirti

71

Finfinnee Mudde 14/2012 (TOI) - Itiyoophiyaan waggoota dhufan 15 keessatti Saatalaayitii 10 gara hawaatti erguuf kan karoorfatte ta'uu Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa beeksise.

Saatalaayitiin Itiyoophiyaa kan jalqabaa "ETRSS-1" Jimaata darbe gara hawaatti furgugifamuun ishee kan yaadatamu dha.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Doktar Salamoon Balaay dabalatee hoggantoonni Inistiitiyutichaa Saatalaayitii gara hawaatti adeemte fi hojii isheen hojjettu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Itiyoophiyaan damee Hawaatiin humna cimaa uumuuf karoora yeroo gabaabaa, Giduu galleessaa fi dheeraa karoorfattee gara hojiitti kan galte ta'uu Doktar Salamoon beeksisaniiru.

Itiyoophiyaan waggoota dhufan sadii keessatti saatalaayitii kan biraa gara hawaatti erguuf akka karoorfatte kan himame yoo ta'u, wiirtuu saatalaayitiin itti oomishamuu fi itti suphamu banuuf karoora kan qabatte ta'uus dubbataniiru.

Biyyattiin waggoota dhufan 15 keessatti Saatalaayitii 10 gara hawaatti erguuf kan karoorfatte ta'uunis himameera.

Saatalaayitiin guyyaa jimaataa gara hawaatti ergamtes "ETRSS -1" yeroo yaalii ishee xumuruun guyyoota muraasa booda hojii kan eegaltu ta'uu kan ibsan immoo daarektara opireeshinii misooma qorannoo saatalaayitii kan ta'an obbo Yiliqaal Caannetti.

Saatalaayitiin kun hanga yoonaattiis yeroo yaalii gaarii kan qabdu ta'uu himaniiru.

Saatalaayitiin gara hawaatti ergamte tunis guyyaatti yeroo 14 ardii kan naannoftu yoo ta'u, hanga yoonaattis oddeeffannoo yeroo 4 akka ergite dubbataniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015