Oromiyaatti Guyyaan Turiizimii Addunyaa Onkoloolessa 18 ni kabajama - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti Guyyaan Turiizimii Addunyaa Onkoloolessa 18 ni kabajama

Finfinnee /TOI/ Onkloolessa 6/2012 Sadarkaa Oromiyaatti Guyyaan Tuurizimii Addunyaa Onkololeessa 18 bara 2012 Ardaalee Jilaa Kibba Baha Oromiyaa daawwachuu fi simpooziyeemiin akka kabajamu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksise.
Hogganaan itti aanaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka ibsanitti Guyyaa Tuurizimii baranaa daandii Kibba Baha Oromiyaarra hawwattoota jiran kanniin akka Ardaalee jilaa Odaa Nabee, Haroowwan Sulula Qinxamaa keessa jiran fi Paarkii Biyyaaleessa Gaarreewwan Baalee daawwachuun magaalaa Roobeetti kabajama jedhan.

Simposiyemiin Qabeenya Tuurizimii Oromiyaa, rakkolee seektara Tuurizimii fi carraa hojii fi tuurizimii irratti xiyyeefatus akka geeggefamu Obbo Kabbadaan himaniiru.
Guyyaan Tuurizimii baranaa sadarkaa Oromiyaatti magaalaa Roobeetti mata- duree ‘’Tuuriizimii fi Hojii Foyya’insa Boruutiif’’ jedhuun Onkololeessa 18 bara 2012 akka kabajamu ibsaniiru jechuun kan gabaase biiroo koomunikeeshinii oromiyaati.