Walitti Dhufeenyi Itiyoo- Indooneejiyaa Gama Daldalaa Fi Investimentiin Fooyya'uun Isaa Ibsame

67

Fulbaana 6/2011 /TOI/ - Walitti dhufeenyi Itiyoo- Indooneejiyaa waggoota xiqqoo keessatti fooyya'uu isaa Itiyoophiyaatti, Jibuutiitti fi gamtaa Afriikaatti Ambaasaaddarri Indooneejiyaa Aal Busiraa Baasnuur ibsan.

Wallitti dhufeenya biyyoota lamanii gama daldalaa fi Investmentiin jiru guddisuuf hojjechaa akka jiranis Ambaasaaddari kun himaniiru.

Wallitti dhufeenyi biyyoota lamanii erga eegalee waggoota 60 ol ta'ee jira.

Yeroo ammaa kana abbootiin qabeenyaa 5 biyya Indooneejiyaa Itiyoophiyaatti gama Uffataan, Qonnaa fi gama biroon hojii hojjechaa jirus jedhaniiru.  

Kanneen keessaas lamaan isaanii paarkii Industirii Hawaasaatti hojjechaa jiru jedhameera.

Yunivarsiitiin biyyattii Baahir Daar, Walloo fi Hawaasaa yunivarsiitii biyyaa Indooneejiyaa waliin wallitti hidhaminsa kan qaban ta'uu himaniiru.

Indooneejiyaan bara dhufutti barattoota biyyattii 100 ta'aaniif carraa barumsaa Narsiingii kennuuf karoora qabaachuu ishiis Ambaasaaddarri kun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015