Aljeeriyaan Mudde Dhufu Filannoo Akka Adeemsiftu Beeksifte

63

Fulbaana  5/2012(TOI) – Aljeeriyaan A.L.A Mudde 12/2019 Filannoo pirezidaantii akka adeemsiftu beekameera.

Yeroof pirezidaantummaan biyyattii kan gaggeessan Abdulqaadir Beensaalaa guyyaa filannoon itti adeemsifamu ifa taasisaniiru.

Ajajaan loltummaa biyyattii Jeneraal Ahimad Gaayid Saalaah biyyattiin guyyaa filannoo itti adeemsiftu akka ibsamu turban dura ajaja kennuunsaanii ni beekama.

Filannoon kun Adoolessa 4/2019 akka adeemsifamu karoorfamus kaadhimamtoonni waan hindhihaanneef dheerachuu danda’eera.

Aljeeriyaa waggaa 20f kan bulchan Abdul’aziiz Butefiliikaa umriin isaanii waggaa 82 yoo ta’u, dhiibbaa ummataatiin Ebla darbe aangoo gallakisaniiru.

Biyyattii yeroof gaggeessaa kan jiran Abdulqaadiir Saalaah filannoon osoo hin gaggeeffamiin dura jijjiiramni dhaabbilee haa taasifamu mormii jedhuun dhiibbaa keessa galaniiru jechuun ‘BBC’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015