Shiftoonni Shanee Miidhaa Geessisan Qabamaa Jiru

118

Fulbaana 02/2012 - Shiftoonni Shanee kaleessa galgala iddoo qubannaa kora bittimsaa Oromiyaarratti boonbii darbachuun namoota 9irraa miidhaan akka gahu taasisan qabamaa jiru.

Biiroon dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa akka gabaasetti amma yoonaa shiftoonni Shanee fi namoonni isaan waliin hidhata qabaachuun shakkaman 22 ragaa isaan ibsuu waliin kan qabaman yoo ta'u, dhimmichi ammallee sakatta'amaa jiraachuun ibsameera.

Kaleessa galgala naannawa saa’a 1:30 iddoo qubannaa Kora Bittinsa Oromiyaarratti boonbiin Shiftaan darbatamee namoota 9 balaan salphaan irra ga'e keessaa tokko achumatti wallaanamee manatti yoo deebi’u namoonni 08 wal’aansaaf Finfinnee Hoospitaala Poolisii galanii wal’aanamaa kan jiru.
Namoot balaan irra gahe salphaa waan taheef wallaanamanii jala jalaa gara manaa deebi’aa jiru.
Warra madaawanii hoospitaala galan keessaa takka hoojjettuu poolisiif nyaata qopheessitu ta'uun beekameera.


Shift toonni miidhaa dhaqqabsiisuun shakkaman to’annoo jala oolanii dhimmi isaanii qoratamaa jira.

BDhKMNO tu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015