Indaaqoon Gurguraaf Gabaa Ba'e Warqee Giraama 1 Tuqa 75 Liqimse Haadhaa Warqeef Akka Laatamu Murtaa'e

311

Qaammee 05/2011 /TOI/ Aadde Haacaaltuu Badiruu fi Obbo Dannaqaa Shallamaa Aanaa Walisoo irraa gabaa ayyaana waggaaf jecha lamaanuu mana mana isaaniitii Indaanqoo baattatanii magaalaa Walisoo dhaaba Indaanqootti wal argan.  

Lamaanuu Indaanqota fidan gurgurachuuf gabaa eegaa jiru.

Wayituma kana Indaanqoon Obbo Dannaqaa kun otoo aaddeen Haacaaltuun teessee Indaanqoo gurguraa jirtuu tasa gurra ishii kan bitaa irraa Warqii (warqee) ulfaatinni
isaa giraama 1 tuqa 75 ta'e kutatee kan liqimse.  

Sana booda jarri lamaanuu waliigaluu waan hindandeenyeef walqabatanii
dhimma isaaniif furmaata argachuuf jecha gara Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Walisootti imalan.  

Dhimmicha akka waliigalteen hiikkatan erga itti himame booda Obbo Dannaqaan Indaanqoon isaan bu'aa itti argachuuf gabaa fidan waan gurra namaa irraa warqii kutee liqimseef jecha gatii isaa birrii 250 gaditti akka hin gurgurre himan.

Aadde Haacaaltuun ammoo qarshii 150 qofa qabachuu isaanii eruun poolisiitti himan.

Poolisiinis aadde Haacaaltuun birrii waan hin qabneef obbo Dannaqaaf birrii 150 qofa kennannii Indaaqoo kana akka fudhatan murteese.

Obbo Dannaqaanis murtii poolisii kanaan walii galanii aaddee Haacaaltuu irraa birrii 150 fudhachuun Indaaqoo isaanii kennanniifii jiru jechun qajeelcha poolisii magaalaa Walisootti hoganaan Divijinii dhimmoota komunikeeshinii komaandar Kabbadaa Badhaadhaa tajaajila oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015