Hoggantoonni Biyyoota Miseensa G-7 Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Cimanii Akka Hojjetan Barreessaan Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Gaafatan

130

Hagayya 21/2011(TOI) – Hoggantoonni biyyoota miseensa G-7 falmii jijjiirama qilleensaa waliin taasifamu adda duree ta’anii akka dhaabatan barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez hubachiisuusaanii ‘CGTN’ Afriikaa gabaaseera.

Gumii hoggantoota biyyoota miseensota G-7 Faransaayitti adeemsifamerratti haasawa kan taasisan Gutareez meeshaalee haala qilleensaatiif fala itti kenninu qabna garuummoo murtee siyaasaas ni barbaada jechuusaanii gabaasni kun eereera.

Gumiin biyyoota miseensota G-7 hirmaannaa cimaa hawaasa addunyaa gaafachuuf carraa gaarii akka ture Gutareez ibsa gaazexeessotaaf kennaniin beeksisaniiru.

Yaadonni ka’an wal ga’ii maree baatii dhufu Niwuyoorkitti adeemsifama jedhamee eegamurratti dursi akka kennamuuf gabaasni kun ni agarsiisa.

Dargaggoonni addunyaa jijjiirama haala qilleensaa qabsaa’uudhaan keessatti shoora ba’an dinqisiifachuudhaan milkaa’ina caaluuf gama siyaasaatiin osoo gurra argatee gaariidha jedhaniiru Gutareez.

Itti fufuudhaanis yeroo dhihoo jijjiirama qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin odeeffannoo saayinsaawaa kenname ilaalchisuun Gutareez ibsa kennaniiru.

 Amma xumura jaarraa kanaatti daballiin hoo’inaa digirii Seelsheesii 1.5 akka hin caalle taasisuu, akka lakkoofsa warra Awurooppaatti 2050 addunyaan kaarboonii qilleensatti gadi lakkifamurraa akka qulqullooftuu fi A.L.A bara 2030 qilleensa naannawatti gadi lakkifamu dhibbantaa 45 ni hir’ifna jechuun abdii qaban dubbataniiru.

Biyyoota miseensa garee 7 kan ta’an hoggantoonni Briitaaniyaa, Kaanaadaa, Faransaayi, Jarman, Xaaliyaan, Jaappaanii fi Ameerikaa yaa’ii Faransaayi Baartiizitti adeemsifamerratti akka argaman gabaafameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015