Hospitaalli Sandaafaatti Ijaarame Har'a Ni Eebbifama

64

Hagayya 19/2011 (TOI) - Hoospitaalli Godina addaa naannawa Finfinnee magaalaa Sandaafaa Bakkeetti baasii birrii miiliyoona 34 fi baasii meeshaalee yaalaa miliyoona 28n ijaarame bakka itti aanaan pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti har’a ni eebbifama.

Hospitaalichi uummata Aanaalee Qimbibiit, Alaltuu, Gimbichuu, magaalota Sandaafaa fi Laga xaafoo laga daadhii kan tajaajilu yoo ta’u ogeeyyii 52, hojjettoota deeggersaa 46 waliigalatti namoota 98f carraa hojii kan uumudha jechuun kan gabaase BDhKMNOti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015