Manni Maree Ministirootaa Walga'ii Idilee 73ffaa Isaa Gaggeesseera

72

Finfinnee Hagayya 18/2011 (TOI) - Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 73ffaa har'a gaggeesseen dhimmoota addaddaarratti mari'atee murtee dabarseera.

Waltajjichaanis waliigaltee eeyyama albuuda dhagaa cilee fi kiroomaayit Ministeera Albuudaa fi Boba'aadhan dhiyaaterratti mari'ateera.

Eeyyamicharratti mari'achuudhaan hojiirra akka oolu murteesseera.  

Dabalataan wixinee labsii gochoota namaan daldaluu, bobbii seeraan alaa fi seeraan ala daangaa ceesisuu ittisuu fi to'achuu Abbaan Alangee Federaalaa qopheesserratti mari'ateera.

Manni marichaas wixineewwan labsii kanneen irratti erga mari'atee booda akka ragga'aniif Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatf qajeelcheera.

Wixinee labsii tajaajila addaddaa Abbaan Taayitaa Maariitaayimii kennuuf ba'errattis mari'ateera.

Ministeerri Maallaqaa labsicha kan qopheesse yammuu ta'u, wixineen labsichaa tajaajilamaan kallattii baasii madaalawaa akka danda'u godha.  

Manni marichaa labsichi hojiirra akka oolu taasisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015