Balaa Konkolaataa Aanaa Gobbaatti Qaqqabeen Namootarra Miidhaan Ga’e

96

Hagayya 17/2011 (TOI) - Godina Baalee aanaa Gobbaatti konkolaattonni Siinoo Tiraak lama walitti bu’uudhaan balaa qaqqabeen lubbuun nama tokkoo yoo darbu, namoonni sadii madaa’uusaanii poolisiin beeksiseera.

Qajeelcha poolisii godinichaatti hojjetaan divijinii komunikeeshinii Komaandar Naasir Umar akka jedhanitti balaan kun kan qaqqabe siinootiraakiin lakkoofsa gabatee koodii 3- 80852 ET ta’e Siinootiraakii lakkoofsa gabatee koodii 3-84695 ET ta’e waliin kaleessa guyyaa keessaa sa’aatii 10tti aanaa Gobbaa bakka Siinjaa jedhamutti walitti bu’uudhaani.

Konkolaattonni lamaan kan walitti bu’an cirracha fe’anii magaalaa Gobbaarraa gara magaalaa Roobee deemaa osoo jiraniiti.

Balaa kanaan lubbuun nama tokkoo yoo darbu balaan miidhaa qaamaa kan irra ga’e namoonni sadii Hoospitaala riferaalaa Gobbaatti yaalamaa akka jiran ibsameera.

Sababni balaa kanaa qulqullaa’aa akka jiru komaandarri kun ibsanii, wayitii gannaa kanatti konkolaachiftoonni ofeeggannoo gochuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015