Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa haaraa Sudaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee (TOI), Hagayya 16/2011 Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hoggansa haaraa Sudaanif ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Jenaraal Abdul Fattaah Buurhaan hogganaa Mana Maree Sudaan miseensota 11 qabu ta'anii filatamuu isaanitiin baga gammaddan jedhaniiru.  

Akkasumas Hagayya 11 waliigaltee mootummaa cee'umsaa taasifameen muummee ministiraa Sudaan ta'anii kan filataman Abdallaa Hamdookin baga gammaddan jedhaniiru.

Madda:- waajjira mummee ministraa   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015