Abdallaa Hamdook Mummicha Ministiraa Sudaan Ta'uun Mudaman

86

Hagayya 16/2011 /TOI/ Sudaan waggoota dhufan sadii keessatti ce'umsa gara bulchiinsa siiviiliitti taasisuuf eegalte milkeessuuf Ministira Muummee haaraa muudde.    

Kaleessa Mummicha Ministiraa ta'uun kan muudaman Doktar Abdallaa Hamdook nageenya mirkaneessuu fi rakkoo dingadee furuun waan dursa hojjetamuu dha jedhaniiru.   

Jeneraal Abdelrahmaan Burhaan hoogganaa mana maree walabaa ta'uun hundaa'ee ta'anii jiru.

Jenaraalichi ji'oota 21f mana marichaa kan bulchu yoo yoo ta'u, siviiliin ammoo ji'oota itti aanan 18f biyyattii hoogganu jedhameera.

Hojiin Doktar Hamdook dursa kennanii hojjetan waraana dhaabuu, nageenya waaraa fiduu, rakkoo dinagdee hammaataa furuu fi imaammata hariiroo alaa madaalawaa uumuu dha jedhamee jira.

Doktar Hamdook Bara 2011 irraa eegalee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessaa itti aanaa Komishinii dinagdee Afrikaa ta'uun hojjechaa turan.

Bara 1990'oota keessa gorsaa dhaabbata hojjetootaa idil addunyaa ta'uun sana boodas ogeessaa imaammata dinagdee Baankii Misoomaa Afriikaa ta'uun tajaajilaniiru.

Manni maree walabaa miseensota 11 qabu gama lameenuurraa shan-shan ta'e tokko waliigaltee isaaniin akka itti dabalamus ibsameera.

Bara darbe wayita al Bashiir aangoorra turan Ministira maallaqaa akka ta'an waamamanii osoo hin fudhatiin hafuu isaaniis ni yaadatama.   

Waadaa galuun Hamdook erga al Bashiir aangoo gadhiisanii booda yeroo duraaf biyyattiin bulchiinsa waraanaa jalaa baatee jirti jechun kan gabaase BBC dha.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015