Waraqaan Ragaa Qabiyyee Lafaa Mirkaneesu Walitti Bu’iinsi Akka Hir’atu Gumaacha Taasisaa Akka Jiru Ibsame - ENA Afaan Oromoo
Waraqaan Ragaa Qabiyyee Lafaa Mirkaneesu Walitti Bu’iinsi Akka Hir’atu Gumaacha Taasisaa Akka Jiru Ibsame
Naqamtee Adoolessa 11/2011 (TOI – Godina Wallagga Bahaatti kennamaa kan jiru waraqaan qabiyyee lafa baadiyyaa mirkaneesu wabii abbaa qabeenyummaa ta’uurra darbee walitti bu’iinsonni daangaa waliin wal qabatanii uumaman akka hir’atan taasisaa akka jiru qonnaan bultoonni ibsan.
Waggaa xumurametti godinichatti qonnaan bultoota abbaa warraa ta’an kuma 66 fi 260f waraqaan raga qabiyyee mirkaneessu kennamuunsaa himameera.
Qonnaan bulaan Geetaachoo Tamasgeen Godina Wallagga bahaa aanaa Waayyuu Tuqaa jiraataa ganda Guutee yoo ta’an, waraqaa ragaa qabiyyee lafa baadiyyaa osoo hin fudhatiin dura sababa daangaa oyiruu qonnaatiin ollootasaanii waliin wal dhabdee keessa seenaa akka turan TOIf yaada kennaniin ibsaniiru.
Waraqaa ragaa erga fudhatanii booda garuu daangaan oyiruusaanii ifatti waan beekamuuf walitti bu’iinsi akka dhaabate hubachiisaniiru.
Waraqaan qabiyyee mirkaneessu kun miira abbummaa waan cimsuuf guddinni oomishaa fi oomishtummaa kaka’umsa akka dabaleef himaniiru.
Ganda kana keessa kan jiraatan kan biraan obbo Dastaa Kabbadaa gamasaaniitiin waraqaa raga qabiyyee mirkaneessu argachuunsaanii wabii abbaa qabeenyumaa waan kennuuf human guutuun hojjechuudhaan qabeenya horachuuf kaka’umsa akka uumeef dubbataniiru.
Lafa kanatti fayyadamuudhaan baankiirraa liqaa fudhachuuf carraa akka isaaniif kennes himaniiru.
Aanaa Giddaa Ayyaanaatti jiraataa ganda Gabaa Jimaataa kan ta’an qonnaan bulaan Garaadoo Kush akka jedhanitti waraqaan raga qabiyyee mirkaneessu kun gibira galii lafaa sirnaan mootummaaf kafaluuf faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.
Lafti sirnaan ala qisaasamaa ture sirnaan hojiirra akka ooluu fi walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuuf akka gargaaru hubachiisaniiru.
Waajjira bulchiinsaa fi fayyadama lafaa godinichatti dursaan garee mirkaneessa qabiyyee lafa baadiyyaa obbo Waaqtolaa Qinaaxxii akka dubbatanitti, fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf waraqaan mirkaneessa qabiyyee lafa baadiyyaa barbaachisaadha.
Bara bajataa xumurametti qonnaan bultoota abbaa warraa ta’an kuma 66 fi 260f waraqaan raga qabiyyee mirkaneessu kuma 96 fi 300 kennamuusaa dubbataniiru.
Waggoota arfan darban qonnaan bultoonni abbootii warraa ta’an kuma 96 fi 636 waraqaa raqaa qabiyyee lafaa mirkaneessu kuma 247 fi 267 akka argatan yaadataniiru.
Waraqaa raga qabiyyee mirkaneessu kenname keessaa kuma 18 fi 549 dubartoota akka ta’an eerameera.