Waltajjiin Sosochii Tajaajila Tola Ooltummaa Guutuu Oromiyaatti Adeemsifamaa Jira

102

Adoolessa 11/2011 (TOI)- Guyyaa har’aa waltajjiin sosochii tola ooltummaa guutuu Oromiyaatti adeemsifamaa akka jiru biiroon komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa ibseera.

Caffeen Oromiyaa kenniinsa tajaajilaa tola ooltummaa raggaasuu isaa fi naannoo Oromiyaatti haala hojiirra oolchuun danda’amurratti danbii baasuunsaa ni yaadatama.

Haala kanaan har’a Adoolessa 11/2011 irraa eegalee barbaachisummaa tajaajila kennuu ilaalchisee hubannoo uumuuf guyyoota lamaaf waltajjiin ni adeemsifama.

Waltajjiin kun erga xumuramee booda manni maree tajaajila tola ooltummaa raawwachiisu sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa yookaan magaalaa fi gandaatti ni hundeeffama, naannoo Oromiyaa naannawoota hundattis hojiirra ni ooola.

Kaayyoon tajaajila kanaa akkaataa barsiifata sirna gadaatiin naannichatti dirqama ummatummaa ba’uudhaan lammii ga’umsaa fi beekumsa qabu uumuudha.

Qabeenyaa fi beekumsa naannichaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudhaan guddina fiduudhaan dhaloonni aadaa fi duudhaasaa akka hubatu, biyyasaaf jaalala akka qabaatuu fi aadaa waliin jireenyaa qabu akka gabbifatu taasisuuf kan kaayyeffatedha.

Tajaajila tola ooltummaa jajjabeessuudhaan miirri namoota gargaaruu akka gabbatu gochuu, lammii itti gaafatamummaan itti dhaga’amu, dirqamasaa ba’uu fi fakkeenya ta’e uumuudha.

Kaayyoon tajaajila tola ooltummaa kan biraan iddoo tajaajilli mootummaa hin qaqqabne qaqqabuu akka ta’e odeeffannoon biiroo komunikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015