Naannoo Oromiyaatti boru sagantaan boolla biqiltuu qotuu ni adeemsifama - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti boru sagantaan boolla biqiltuu qotuu ni adeemsifama
Waxabajjii 15/2011 Naannoo Oromiyaatti boru bakka hundatti biqiltoonni miiliyoona 300 ol itti dhaabaman sagataan boolla qotuu ni adeemsifama. Sagantaan kun boru ganama sa’aatii 12 eegalee naannoo hanga gandaattiummanni hundi hirmaannaa taasisuun adeemsi
Kaayyoon sagantaa kana gama tokkoon muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad waamicha biqiltuu dhaabuu milkeessuu yoo ta’u, gama biraan immoo bara darbe Waxabajji 16/2010 hiriira deeggarsaa guddichaarratti doktar Abiyyi Ahmad irratti yaalii ajjeechaa taasifame hambisuuf lammiilee wareegamanii fi miidhaan qaamaa irra ga’e yaadachuuni.
Boolli biqiltuuf qotamu kun lafa hektaara miiliyoona 2 ol uwwisurratti hojjetama.
Sagantaa kanarratti tokkoon tokkoo hirmaataa boolla 40 akka qopheessu ni taasifama.
Barana naannoo Oromiyaatti jijjiirama haala qilleensaa dhorkuu kan danda’an, nyaata loonii fi sanyii muduraa kan qaban biqiltuu biiliyoona lamatti siqu dhaabuuf hojjetamaa jira.