Torbee Kanatti Naannawoota Biyyattii Tokko Tokkotti Meetirooloojiiwwan Rooba Kennan Cimaa Jiru

102

Waxabajjii 05/2011 Torbee kana haala idilee ta’een Kibba lixaa, Lixa, Kaaba lixaa fi naannawoota jiddu galeessaatti meetirooloojiin rooba kennu Cimaa akka jiran ejensiin meetirooloojii biyyaalessaa beeksise.

Ejensichi gabaasasaa raga qilleensaa jidduu kanaatiin Kaabaa fi Kaaba bahaarratti rooba salphaa darbee darbee jiraaturraa akan hafe haalli qilleensaa hoo’aa fi gogaa ta’eakka jiraatu eereera.

Guyyoota kudhan dhufanitti haalonni meetirooloojii uumamuu rooba gannaatiif gumaacha taasisan guyya-guyyaatti cimaa akka dhufan waan eegamuuf kutaalee biyyattii hedduurratti roobnii fooyya’aa fi tamsa’inni  jiraachuu akka danda’u odeeffannoon raga qilleensaa ni eera.

Kanaanis naannoo Oromiyaarraa Wallaggaa bahaa fi lixaa, Jimma, Iluu Abbaa Booraa, godinaalee Shawaa Kaabaa fi Lixaa Harargee bahaa fi lixaa, Finfinnee, naannoo Amaaraa irraa  Goojjaam bahaa fi lixaa rooba idilee fi idilee ol ni argatu.

Akkasumas godinaaleen Gondor Kabaa fi Kibbaa, naannawa Bahaardaar, Shawaa Kaabaa, goninaaleen jiddu galeessaa fi lixa Tigraayi, naannolee Gaambeellaa fi Beeniishaangul Gumuuz, naannoo Saba Sablmammootaa fi ummattoota kibbaa, godinaaleen Hadiyyaa fi Guraagee, Walaayittaa, Daawuroo, Gaamoo Goofaa fi Beenchi Maajiis akkasuma.

Kana malees hurrii cimaa uumamurraa iddoowwan tokko tokkotti bokkaan cimaan uumamuu akka danda’u ejensichi ibsa ergeen eereera.

Gama biraatiin godinaaleen Arsii fi Baalee, Affaar irraa Zoonii 3 fi 5, Dirree Dawaa, godinaaleen Jigjigaa fi Siitii tamsa’ina hurrii cimaa qaban irraa kan ka’e iddoowwan tokko tokkotti rooba salphaa irraa amma jiddu galeessaatti ni argatu.

Godinaaleen biyyattii hafan gogaa ta’anii ni turu jedheera ejensichi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015