Dhiibbaa Jijjiirama Qilleensaatiin Dhufu Qolachuuf Hunduu Tumsuu Akka Qabu Waajjirri Barnoota Godina Baalee Dhaame

137

Caamsaa 29/2011 Imaammata diinagdee magariisaa biyyi keenya qabattee ittiin hojjataa jirtu milkeessuuf sagantaan biqiltuu dhaabuu manneen barnootaa ji'a tokkoof turu har'a jalqabamee jira.

Saganticharratti biqiltuu dhaabuun ergaa kan dabarsan itti gaafatamaan waajjira barnoota Godina Baalee obboo Gosaayee Gizaaw akka dubbatanitti dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa geesisaa jiru qolachuuf kunuunsi qabeenya uumamaatiif godhamu murteessaa dha jedhan.

Sagantaan dhaabinsa biqiltuu kunis qaama karoora muumicha ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 4 dhaabuuf qabatanii ta'us dubbatan.

Akkasumas dhaabinsi biqiltuu Imaammata diinagdee magariisaa biyyattiin hordoftu milkeessuuf shoora ol'aanaa akka qabus himan.

Akka obbo Gosaayeen dubbatanitti sagantaa biqiltuu dhaabuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Harawaa Siinjaatti har'a jalqabame kun manneen barnootaa godinichaa 906 keessatti kan itti fufu ta'us eeraniiru.

Sagantaa dhaabiinsa biqiltuu kana irratti barataa fi hooggansi barnootaa argaman mancaatii qabeenya umamaa irratti harka namaatiin gahaa jiru deebisanii dandamachiisuuf biqiltuu dhaabuun shoora isaanii bahuuf qophaahaa ta'us dubbatanii jiru.

Akka Godina Baaleetti waqtii gannaa kanatti biqiltuu gosa gara garaa miiliyoona 54.5 dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru itti gaafatamaan waajjira Misooma Qonnaaf qabeenya uumamaa Godina Baalee obbo Daawud Abdurrii himan.

Hawaasni biqiltuu dhaabuun cinatti kunuunsaaf xiyyeefannoo akka kennuuf ogeessonni qonnaa sadarkaan jiran hojii hubannoo uumuu irratti xiyyeefannoon hojjatamaa jiraachuus eeraniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu bara kanaa milkeessuuf akka Oromiyaatti Godina Baaleetti dhaabbiin biqiltuu akka gaggeefamus itti gaafatamtichi ibsaanii jira.

Godinichatti qaamota hawaasa gara garaatiin baroottan dabran keessatti biqiltuu miliiyonotaan lakkaawaman dhaabamanis kunuunsi barbaachisaan godhuu irratti hanqinoonni mul'achuus himan.

Bara kana hanqinaalee yeroo dabran mul'atan maqsuun kunuunsaaf xiyyeefannoon kennnamuu ibsa itti gaafatamticharraa hubachuun danda'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015