Itiyoophiyaan Kongirasii FIFA Keessummeessuuf Filatamte

64

Finfinnee Caamsaa 28/2011 Itiyoophiyaan waggaa dhufu kan adeemsifamu kongirasiin federeeshinii kubbaa miillaa guutuu addunyaa 70ffaa akka keessummeessitu filatamte.

Kongirasiin FIFA 69ffaa magaalaa guddoo Faransaayi Paarisitti adeemsifamaa jira.

Biyyoonni misiseensota FIFA ta’an bakka jiranitti kongirasii kanaan pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miillaa obbo Isaayyaas Jiraa, bakka bu’aan isaanii koloneel Awwal Abdurahimii fi barreessaa olaanaan doktar Iyyaasuu Marhaatsidqii hirmaataniiru.

Kongirasii kanaan Itiyoophiyaan bara dhufu kan adeemsifamu kongirasii FIFA 70ffaa akka keessummeessitu filatamteetti.

Pirezidaantiin waldaa kubbaa miillaa guutuu addunyaa Jiyani Infantiniwo FiFA gaggeessaa akka itti fufan irra deebiin filatamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015