Kubbaaniyoonni Kophee Oomishan Tiraampi Waraana Daldalaa Eegalan Akka Dhaaban Waamicha Dhiyeessan

114

Caamsaa 14/2011 Kubbaaniyoonni addunyaa gurguddoon kophee oomishan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi Chaayinaa waliin kan eegalan waraana daldalaa akka dhaaban waamicha dhiyeessan.

Lolli daldalaa kun bittaa fi gurgurtaa irratti miidhaa olaanaa akka geessisus ibsaniiru.

Naayikii fi Adiidaasiin dabalatee xalayaa mallattoo kubbaaniyoota 173 tiin akka ibsametti pirezidaantichi oomishaalee Chaayinaarraa galan irratti dabalata taarifaa irratti dhibbantaa 25 murteeffame kun miidhaa guddaa kan geessisudha jedhameera.

``Amma yeroo lolli daldalaa xumura itti argachuu qabudha`` jechuun xiyyeeffannoon ibsaniiru.

Ameerikaan torban tokko dura oomishaalee Chaayinaarraa galan irratti dabalata taarifaa Doolaara biiliyoona 200 kan taasifte yoo ta’u,  Chaayinaan gama isheetiin oomishaalee Ameerikaarraa galan irratti ji’a Waxabajjii eegalee dabalata taarifaa Doolaara biiliyoona 60 taasisuuf karoorfachuun ishee  gabaasamuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015