Gareen Itti Aanaa Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonniniin Durfamu Jibutii Galeera

62

Caamsaa14/2011 Gareen olaanoo mootummaa itti aanaa muummee ministiraa Dammaqaa Mokonniniin durfamu Jibutii kan deeme Jibutiitti Sulxaaniin Taajuur Abdulqaadir Humad waan du'aniif sirna awwaalchaarratti argamuuf ta'uusaa waajjirri itti aanaa muummee ministiraa beeksiseera.

Itti aanaan muummee ministiraa Dammaqaa Mokonnin har'a ganama dirree xiyyaaraa idil addunyaa Jibutii wayita ga'an ministira muummee biyyattii Abdulqaadir Ahimad Kaamiiliin simannaan taasifameeraaf.

Jibutiitti Sulxaaniin Taajuur Abdulqaadir Humad biyyoota lamaan jidduutti quunnamtiin ummattootaa cimaan, misoomnii fi nageenyi akka gabbatu hooggansa kennaniin beekamu.

Itti aanaan muummee ministira obbo Dammaqaa du'a Sulxaaniin Taajuur Abdulqaadir Humaditti gadda itti dhaga'ame maqaa mootummaa RDFI tiin  dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015