Diinagdeen keenya bu’uurarraa cimaa jira

74

Amajjii 22/2015(TOI) -Qormaatilee hedduu dura dhaabbachaa utuu jirru, diinagdeen keenya bu’uurarraa cimaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Doktar Abiy Ahimad, damee tuuriizimii dagaagsuuf qaama ‘Maaddii Biyyaaf’ kan ta’e bakka miidhagaa ‘Halaalaa Keellaa’ irratti Manni Maree Ministirootaa raawwii baatiiwwan ja’aa gamaaggamaa jiraachuu gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.

“Qormaatilee hedduu dura dhaabbachaa utuu jirru, diinagdeen Keenya bu’uureffama irraa cimaa jira” jedhaniiru.

Kunis caalmaan cimee akka itti fufsiisuuf kutaaleen hawaasaa hunduu oomishtummaarratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015