Baankiin Daldala Itoophiyaa tajaajila dijitaalaa sharafa maallaqa alaa erguu jalqabe.

182

Amajji, 22/2015(TOI) - Baankiin Daldala Itoophiyaa tajaajila ergiinsa sharafa maallaqa alaa dijitaalaa guyyaa har’aa ifatti eegale.

Biyyoota tajaajilli kun itti kennamu eegale keessaas Kaanaadaa, Israa’el, USA fi Xaaliyaaniidha.

Pireezidaantii Baankii Daldalaa Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo akka himattii; Tajaajilli kun eegaluun lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan yeroo maallaqa erguuf isaanitti fudhatu, maallaqa erguuf baasii baasaniifi maallaqa alaa seeraan alaa akka hir’isan ni gargaara jedhaniiru.

Namoonni maallaqa ergameef fudhatanis tajaajila si'ataa akka argatanis haala mijataa akka uumu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015