Haala hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaarratti 'Attaasheewwan' loltummaaf ibsi kennamaa jira

90

Amajjii 19/2015(TOI)- Haala hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaarratti 'Attaasheewwan' loltummaaf ibsi kennamaa jira.

Waliigaltee nageenyaa Mootummaa Federaalaafi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti gaggeeffame irratti ibsi attaasheewwan loltummaaf kennamaa jira.

Ibischarratti attaasheewwan loltummaa biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Daayrektarri Tumsaafi Hariiroo Alaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuun adeemsa waliigalaafi sadarkaa hojiirra oolmaan waliigaltichaa ibsaniiru.

Mootummaan waliigaltichi akka kabajamuuf kutannoo qabaachuu eeruun, hojiin hojjetame kan dinqisiifatamu ta’uu attaasheewwan loltummaa kunneen ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015