Doktar Abiy Ahmad Pirezdaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin bilbilaan mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiy Ahmad Pirezdaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin bilbilaan mari’atan

Amajji, 17/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahmad Pirezdaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin bilbilaan mari’achuu ibsan.
Doktar Abiy ergaa gama Tiwiitarasaaniin dabarsaniin Pirezdaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin dhimmoota garagaraarratti mari’achuu eeraniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii walkabajaafi wal amantaarratti hundaa’e waggoota 125 lakkoofsisuu Doktar Abiyyi yaadachiisaniiru.