Mul'isutuu tokkummaafi nagaa waaraa kan ta'e Ayyaana cuuphaa tokkummaa fi jaalalaan kabajna - ENA Afaan Oromoo
Mul'isutuu tokkummaafi nagaa waaraa kan ta'e Ayyaana cuuphaa tokkummaa fi jaalalaan kabajna

Amajji, 10/2015(TOI) - Mallattoo tokkummaafi nagaa waaraa kan ta'e ayyaana cuuphaa tokkummaa fi jaalalaan kabajna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaar
Kantiibaan magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaar, Hoggantoota bulchiinsa magaalichaa, abbootii amantaafi dargaggoonni waliin ta’uun bakka sirni kabaja kataraafi ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu qulqulleessniiru.
Magaalichatti Ayyaana cuuphaa sadarkaa addunyaatti beekamtii argate tokkummaa fi jaalalaan karaa nagaa kabajuuf qophiin xumuramee jira jedhan.