Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Godina Wallaggaa Bahaatti kutaalee hawaasaa garaa garaa waliin mari’atan

121

Amajji, 8/2015(TOI) - Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Godina Wallaggaa Bahaatti kutaalee hawaasaa garaa garaa waliin mari’achuusaanii Kominikeeshiniin naannichaa beeksise.

Waltajjicha irratti hooggantoota mootummaa sadarkaa naannoo, qondaaltota waraanaa, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamolee hawaasaa garaa garaa hirmaataniiru.

Waltajjii marichaa irratti sababa rakkoo nageenyaan uummanni buqqaatiif, saamicha qabeenyaa fi rakkoo dinagdee fi hawaasummaa garaa garaatiif saaxilamuu hirmaattonni kaasaniiru.

Kanaafis rakkoolee bu'uuraalee misoomaa fi hojii dhabdummaa hiikuuf mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjetu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015