Moorokoon Poorchugaal injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte.

157

Mudde 1/2015(TOI) - Waancaa addunyaa 22ffaa qopheessummaa Kaataariin geggeeffamaa jiruun Moorokoon Poorchugaal goolii 1 fi 0 injifachuun tapha walakkaa xumuraaf dabarte.

Moorokoon taphicha injifachuun tapha walakkaa xumuraaf darbuu isheen seenaa waancaa addunyaa keessatti biyya Afrika jalqabaa taateetti.

Daqiiqaa 40ffaa irratti taphataan sarara duraa Kilaba Ispeen Siiviyaa Yuusuuf Ineesirii goolii galchuun Leencoota Atilaas injifatoota taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015