Iti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin dippilomaatota biyya Awurooppaa Itiyoophiyaatti argamaniif ibsa kennan

88

Sadaasa 30/2015(TOI)--- Iti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa ob. Dammaqaa Mokonnin ambaasaaddarootaa fi dippilomaatota gamtaa Awurooppaa teessoon isaanii Finfinnee ta’eef hojeeffama waliigaltee nageenyaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Iti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa ob. Dammaqaa Mokonnon waraan kaaba Itiyoophiyaa ture karaa nagaa hiikuuf hojiirra oolamaa waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT jidduutti Afriikaa kibbaa Piriitooriyaatti taasifame ilaalchisuun ibsa bal’aa kennaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaatiin deeggarsa namoomaa gama dhiheessuu fi tajaajiloota bu’uraa gama jalqabsiisuutiin hojiiwwan jajjabeessoon hojjetamuusaanii ibsaniiru.

Mootummaan manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhaman deebisee ijaaruuf hojjechaa akka jiru ibsanii, biyyoonni miseensa gamtaa Awurooppaa deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015