Piremirliigiin Beetinig Itoophiyaa tapha torbee 11ffaa har'a geggeeffamuun jalqaba.

Sadaasa 27/2015(TOI) - Piremirliigiin Beetinig Itoophiyaa tapha torbee 11ffaa har'a geggeeffamuun jalqaba.Bulchiinsi magaalaa Adaamaa, Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga daadhii waliin guyyaa saatii 10tti, Bulchiinsi magaalaa Bahaar Daar dursaa piremiliigichaa Quddus Goorgis waliin galgala saatii 1 Istaadeemii Dirre Dawaatti ni taphatu.

Bor Itiyo-Elektirik, Bulchiinsa magaalaa Arbaa Miinci waliin guyyaa saatii 10tti, Bulchiinsi magaalaa Hawaasaa, Machaal waliin galgala saatii 1tti ni taphatu.Sagantaa tapha torbee 11ffaa kun hanga sadaasa 30/2015tti kan itti fufu ta'uun himameera.

Pirimiliigicha Quddus Goorgis qabdii 21 dursaa jira.

Bulchiinsi magaalaa Bahaar Daar qabxii 20, Itiyoo- madin qabxii 19 sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa ta'an jiru.Bulchiinsi magaalaa Adaamaa, Bulchiinsi magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii, Itiyoo- Elektirik sadarkaa 14ffaa hanga 16ffaa qabachuun qaxanaa gad bu'uu keessa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015