Guyyaan qaama miidhamtootaa idil addunyaa sadarkaa biyyaalessaatti magaalaa Dirreedawaatti ni kabajama

122

Sadaasa 22 bara 2015 (TOI)---Guyyaan qaama miidhamtootaa idil addunyaa 31ffaan sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 30ffaaf magaalaa Dirreedawaatti ni kabajama.

Guyyaan kun mata duree “hojiin kalaqaa hunda hammatuu fi furmaata cehumsaa qaama miidhamtoota Itiyoophiyaaf qaqqabummaa hundaqabeessa” jedhuun boruu fi iftaan akka kabajamu ibsameera.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee taatee kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, kaayoon kabaja guyyaa kanaa hubannoo akka biyyaatti  qaama miidhamtootaaf jiru dabaluudha jedhaniiru.

Ilaalcha dogoggoraa hawaasni qaama miidhamtootaaf qabu jijjiiruuf hojiilee hojjetamaa jiran deeggaruuf akka gargaaru ibsaniiru.

Guyyaan qaama miidhamtootaa idil addunyaa marii paanaalii fi taateewwan addaddaatiin akka kabajamu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015