Abbootiin qabeenyaa faayidaa ummataaf jecha mootummaa waliin qindaa’anii hojjechuu akka qaban himame

153


Fichee Mudde 24/2011 Abbootiin qabeenyaa faaydama dinagdee fi hawaasummaa ummata isaanii mirkaneessuuf yeroo kamiyyuu caalaa mootummaa waliin wal hubatanii hojjechuu akka qaban himame.

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaatti foramiin waliinii mootummaa fi abbootii qabeenyaa magaalaa Ficheetti adeemsifameera.

Wayituma kanatti itti aanaan komishinara komishinii investimentii Oromiyaa ob. Abdii Xahaa akka ibsanitti, abbootiin qabeenyaa naannichaa dhimmoota dinagdee fi hawaasummaa ilaalchisee fayyadama ummata isaaniif xiyyeeffannaa kennuu qabu.

Muuxannoo amma ammaatti jiruun bu’uura misoomaa addaddaa dabalatee abbootiin qabeenyaa  karaa addaddaa akka jajjabaatan yoo taasifamellee, isaan garuu fayyadama ummata isaaniitiif amma barbaadamu xiyyeeffannaa akka hin kennine dubbataniiru.

Rakkoolee abbootii qabeenyaa baay’ee biratti mul’atan keessaa lafa fudhatanii hojii jalqabuu dhabuu, liqii maqaa investimantiitiin fudhatan kaayyoo dhaabbataniif ala bu’aa maallaqaaf qofa socho’uun bal’inaan kan mul’atanidha.

Rakkoo kana fuulduraaf dhabamsiisuuf komishinichi adeemsa jijjiiramaa hordofee fooyya’iinsa seeraa, gurmaa’insaa fi qajeelfamaa gochuurra akka jiru ta’uusaa beeksisaniiru.

Kaayyoon fooramii kanaa abbootiin qabeenyaa naannicha keessatti hojjetan rakkoolee bulchiinsaa, tajaajilaa , dhiheessii fi fedhii addaa, adda baasuun kallattii furmaataa kaa’uudhaan hawaasa fayyadamaa taasisuuf akka ta’e kan ibsan ammoo itti gaafatamatuu waajjira investimentii godinichaa ad. Asteer Zawudeedha.

Abbootiin qabeenyaa foramicharratti argaman tokko tokko mootummaa, ummataa fi qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun tasgabbii dabalatee rakkoolee quunnamuu danda’an hiikuuf ga’ee isaanii akka ba’an dubbataniiru.

Abbootii qabeenyaa kanneen keessaa magaalaa Shanoottii hojii industirii qonnaa irratti kan bobba’an abbaan Alaaskaa tireediingi ob. Lammaawarqi Abrihaam hojiin  tasgabbii osoo hin hafiin mootummaa fi ummata waliin qindaa’anii akka hojjetan dubbataniiru.

Keessumaa meeshaaleen alaa galchan kan ittiin annan qiqindeessan hojiitti galchuuf rakkoo ibsaa isaan mudate hiikuuf abbootii qabeenyaa biroo fi mootummaa waliin ta’uun darabeen hojjechuun barbaachisaa akka ta’e eeraniiru.

Aanaa Waacaaleetti simintoo fi jeessoo oomishuurratti kan bobba’an hoji-gaggeessituun pi-eli –sii Jamaa ad. Eelsaabeet Walduu gamasaaniitiin, warshichi hanqina human ibsaarraa kan ka’e walakkaa gadi oomishaa akka jiru dubbataniiru.

 Rakkoo kana hiikuuf mootummaa fi ummata waliin wal ta’uun hojjechuudhaan wal simsiisuun akka danda’amu ibsanii, keessumaa ammoo mootummaan human ibsaa addaddaa dhiheessuudhaaf furmaata biroo barbaaduun akka isa barbaachisu himaniiru.

Warshichi rakkooleen hawaasaa naannawa kanatti mul’atan akka furaman ga’ee isaa ba’uuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015