Ministirri Infoormeeshinii fi dijitaalaayizeeshinii Maalaawii Gospeel Kaazaakoo Finfinnee galan.

48

Sadaasa 19/ 2015(TOI) --- Ministirri Infoormeeshinii fi dijitaalaayizeeshinii Maalaawii Gospeel Kaazaakoo  yaa’ii  bulchiinsa Intarneetii 17ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Ministirichi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita gahan ministirri Innoveeshinii fi teekinooloojii doktar Ballaxaa Mollaa  simataniiru.

Itiyoophiuaan yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa 17ffaa keessummeessuuf qophii xumurtee keessummootashee simachuurratti argamti.

Yaa’ii kanarratti hirmaachuuf biyya keessaa fi biyya alaarraa kan walitti babahan hirmaattonni kuma sadii ol kan galmaa’aniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti itti aanaan barreessaa olaanaa dhimmoota dinagdee fi hawaasummaa Lii Juunhuum yaa’ii Itiyoophiyaan qopheessitu irrattihirmaachuuf Finfinnee galuunsaanii ni beekama.

Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii idil addunyaa 17ffaa har’aa eegalee guyyoota shan walitti aananiif Finfinnee dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti galma komishinii dinagdee Afriikaatti ni adeemsifama.

Sadarkaa idil addunyaatti namoonni biiliyoona 5 qabxii 3 Intarneetii akka fayyadaman odeeffannoowwan ni agarsiisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015