Agarsiisni Albuudaa idil addunyaa Finfinneetti geggeeffamuuf

45

Onkoloolessa 28/2015(TOI) - Agarsiisni Albuudaa idil addunyaa sadaasa 1 hanga 3/2015 Finfinneetti galma Barkumeetti kan geggeeffamu ta'uun himame.

Sagantaa kanaan kubbaniyoonnii biyya keessaa fi alaa 270 kan irratti hirmaachuun oomishitootaafi daldaltoota waliin gahaa jedhameera.

Agarsiifni kun filannoo investimantii gama Albuudaan Itoophiyaan qabdu kubbaniyaawaan biyya alaatti beeksisuun damicharratti akka hirmaatan carraa kan uumuudha jedhameera.

Gama biraan tekinolojiiwaan haara beeksisuun qabeenya Albudaa Itoophiyaa hojiirra oolchuf kan gargaru ta'uu Ministirri Albuudaa injinar Taakkalaa Uumaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015