Qorichi Tiraamadool jedhamu ajaja addaa ogeeyyii fayyaan qofa akka kennamu murtaa'e. - ENA Afaan Oromoo
Qorichi Tiraamadool jedhamu ajaja addaa ogeeyyii fayyaan qofa akka kennamu murtaa'e.
Onkoloolessa 22/2015(TOI) - Qorichi Tiraamadool jedhamu ajaja addaa ogeeyyii fayyaan qofa akka kennamu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itoophiyaa beeksise.
Abbaan Taayiticha ibsa har'a miidiyaaleef laateen akka beeksisetti qorichi kun ajaja ogeessa fayyaan ala daa'immanitti dhukkuba akka wayyeessuuf kennamaafi turu odeeffannoo akka argate eerera.
Daarektarri Daarekterootii too’annoo qorichaa Aadde Asnaaqach Alamuu akka himanitti, Tiraamadooliin qorichaa dhukkuba samuufi dhibeewaan akka Kaanserii akka namatti fursiisaaniif laatamudha.
Abbaan Taayitichaa amalaa araada nama qabsiisuu inni qabu yaada keessa galchuun tarree qorichoota ajaja ogeessaan alaa fudhatama keessaa baasuuf hojiiwan adda addaa hojjechaa tureera jedhaniiru.
Qorannoo haala itti fayyadama qorichichaarratti taasifameen keessattu naannawaa manneen barnoota sadarkaa lammaffaatti heddumachaa jiraachuufi araada ta'aa dhufuusaa hubatameera.
Kun immoo keessaayyu dargagootarratti rakkoo hawaasummaa hedduu kan fidu ta'uu himaniiru.
Kanaaf qorichi kun ajaja addaa ogeeyyiin fayyaa kennaaniin alaa akka hin kennamneef tarree qorichoota ajaja ogeeyyiin ala fudhatamanii keessaa baafamuu himaniiru.
Hojiirra oolmaa kanaafis to'annoon gahaa kan taasifamu ta'uu himaniiru.Abbaan Taayiticha kanneen qorichicha seeraan ala gurguran, rabsaniifi fayyadaman irratti tarkaanfii kan fudhatu ta'uus beeksiseera.