Atileet Shaashoo Insarmuu Maaraatoonii Maadiriid Mo'atte

117

Finfinnee Ebla  19/2011 Atileetiin lammii Itiyoophiyaa Shaashoo Insarmuu har'a ganama maaraatoonii Maadiriid Ispeenitti Adeemsifame  mo'atteetti.

Dorgommii dubartootaatiin atileetonni Itiyoophiyaa sadarkaa 1 amma 3 qabachuudhaan olaantummaan xumuraniiru.

Atileet Shaashoo sa'aatii 2, daqiiqaa 26, sakondii 24n mo'achuurra darbitee waggaa darbe maaraatoonii Maadiriid atileetii Keeniyaa Vaaleentiinkii Kiipkeeteriin qabxii qabame ture daqiiqaa 4 fi sakondii 16n fooyyessiteetti.

Atileetiin kun mo'annaan ishee har'aa kun walumaa gala dorgommii maaraatooniitiin injifannoon galmeessifte gara shaniitti akka ol guddiseef Gaazexaan ispoortii biiyya Ispeen guyya guyyaatti ba'u weebsaayitiisaa irratti gabaaseera.

Atileet Fettaalee Tsaggaayee sa'aatii 2, daqiiqaa 27, sakondii 6n lammaffaa yoo baatu, Atileet Bashaadduu Baqqalaa sa'aatii 2, daqiiqaa 32, sakondii 16n sadarkaa sadaffaa qabachuun xumurteetti.

Dorgommii dhiiraatiin atileetonni Keeniyaa Riiyubeen Keeriyoo, Kibkeemooyi Kiipsaangii fi Kiiprootiich tokkoffaa amma sadaffaa ba'uun olaantummaan xumuraniiru.

Yeroo 42ffaaf kan adeemsifame maaraatooniin Maadiriid waldaa federeeshinoota idil addunyaatiin dorgommii sadarkaan warqeen kennameefidha.

Kanumaan wal qabatee maaraatoonii walakkaa dubartootaa Giifuu Seeyiruu(Gifu Seiryu Half Marathon)  boru Jaappaanitti adeemsifamurratti atileet Gooyitoom G/Sillaasee ni hirmaatti.

Atileet Gooyitoom Onkoloolessa bara 2011 maaraatoonii walakkaa Bosten Ameerikaatti adeemsifame sa'aatii 1, daqiiqaa 9, sakondii 39n sa'aatii dhuunfaashee galmeessisuunshee ni yaadatama.

Saala lamaanuu atileetonni Keeniyaa tilmaamni mo'annaa dursaa akka kennameef  waldaan federeeshinoota atiletiksii idil addunyaa gabaaseera.

yeroo saglaffaaf kan adeemsifamu maaraatooniin Giifii Seeyiruu (Gifu Seiryu Half Marathon) waldaa federeeshinoota atileetiksii idil addunyaatiin dorgommii sadarkaan warqii kennameefidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015