Yuunivarsiitichatti Barattuun qormaata biyyaalessaa 12ffaa qoramuuf dhufe nagaan deesse.

137

Fulbaana 28/2015(TOI) - Barattuun Godina Horroo Guduruurraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuuf gara Yuunivarsiitii Amboo kan dhufte mucaa durbaa nagaan dahuu ishee Hospitaalli Rifiraal Amboo beeksise.

Daarekatarri olaanaa Hospitaalichaa doktar Gonfaa Mootii akka himanitti, Barattuun kun godina Horroo Giduruu aanaa Jimmaa Raaree mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Goodaa Biloo irraa gaafa guyyaa 26/01/2015 gara yuunivarsiitii Amboo dhifte.

Kaleessa osoo yuunivarsiiticha keessa jirtuu miirrii dhukkubbi itti dhaga'amnaan gara Hospitaalichaa dhufuun mucaa durbaa nagaan deesseetti jedhaniiru

Guyyaa qormaataas rakkoo tokko malee qoramaata fudhachuu kan dandeessu ta'uus himaniiru.

Barattuun nagaan mucaa ishee deesse Geexee Baqqalaa yaada laatteen Haala gaariirra waanan jiruuf qormaata koo tasgabaayeen qorama jeteetti.

Yuunivarsiitichiifi Hospitaalichi deeggarsa taasisaniifiif galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015