Yuunivarsiitiin Dabaariq baratootaa kutaa 12ffaa qormaata biyyaaleessaa qoraman simachaa jira.

Fulbaana 27/2015(TOI) - Ministeerri Barnootaa Yuunivarsiitiwaan fulbaana 26/2015 irraa jalqabanii baratoota kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa qoraman akka simatan kallatti kaa'een Yuunivarsiitiwaan Baratoota qormaaticha fudhatan simachaa jiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dabaariq doktar Jaajjawu Damaamuu fi Itti aanaa pireezidaantii bulchiinsafi dhimma baratootaa doktar Asmaaraa Malasaa sirna simannaa baratootaa kanarratti argamuun baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Yuunivarsiitichi baratootaa qormaaticha fudhatan kuma 12 qoruuf qophii barbaachisu hunda taasisuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015