Yuunivarsiitichi qormaata kutaa 12ffaa laachuuf qophii gahaa taasiseera

90

Adaamaa 26/2015(TOI) - Qophiin Yuunivarsiitichi qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaa laachuuf taasise gaarii ta'uu Ministirri Barnootaa Piroofesar Biraanuu Naggaa himan.

Ministirichi Yuunivarsiitii Saayinsiifi Tekinolojii Adaamaatti qophii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennuuf taasifame daawwataniiru.

Qormaatichi akkataa barbaadamuun akka laatamuuf bakkeewwan qormaanni itti laatamufi bakka ciisichaa mijeessuu, qophii nageenyaafi tasgabbii eegsisuurratti hojiin Yuunivarsiitii Saayinsiifi Tekinolojii Adaamaa dabalatee yuunivarsiitiiwwan biroon qophii taasisanidha jedhaniiru.

Piroofesar Birhaanuu Naggaa daawwannichaarratti, yuunivarsiitiiwwan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan bara 2014 kennuuf qophiin taasisan gaariidha jedhaniiru.

Qormaanni hannaa irraa billisa, nagaa fi qulqullinaan akka kennamuuf yaadame ta'u, himanii baratoota qormaataaf dhufan bakka ciisichaa fi nyaata mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra jedhaniiru.

Gama kanaan qophiin taasifameef qaamoolee mootummaa tumsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30/2015 kan laatamu yoo ta'u sadarkaa biyyaatti baratoonni kuma 975 qormaaticha ni fudhatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015