Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Gamtaa Talaallii Gaavii waliin mariyatan

63

Fulbaana 25/2015 (TOI) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Gamtaa Talaallii Gaavii Dooktar Seet Barkileeyiin waliin mariyatan.

Mariin isaanii tumsa waloo Itoophiyaafi Gaavii gidduu jiruufi akkasuma muli'ata tarsimoo "daa’imman talaallii fudhatanii hin beekne (Zeeroo Dooz) 2021-2025" jedhamu waliin gahuuf deeggarsa Itoophiyaan taasistu irratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Dabalatanis hojii dhaabbichi hojjetuuf Itoophiyaarraa waan eeggamurratti mariyatameera.

Pireezidaant Saahilawarq deeggarsa dhaabbatichi Itoophiyaatti taasisuuf galateeffachuun, Ityoophiyaan uwwisa talaallii guddisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Marii kanarratti Ministirri Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaas argamaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarq Zawudee akka lakkoofsa Awurrooppaatti bara 2020 irraa jalqabee Shaampiyoonaa Gamtaa Talaallii Gaavii ta'anii jiraachuu ragaan toora miidiyaa hawaasummaa Waajjira Pirizidaantiirraa argame ni muli'isa.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015