Itiyoophiyaatti Dhiheessiin Qorichaa Akaakuufi Maallaqaan Dabalaa Dhufeera

100

Fulbana 25/2015 (TOI) Itiyoophiyaatti dhiheessiin qorichaa akaakuufi maallaqaan yeroo gara yerootti dabalaa dhufuusaa tajaajilli dhiheessii qorichaa Itiyoophiyaa beeksise.

Itiyoophiyaan bara bajataa 2014 dhiheessii qorichaaf baasii birrii biiliyoona 50 ol taasisuunshee himameera.

Itti aanaan daarektara olaanaa tajaajilichaa Salamoon Nugusee TOItti akka himanitti, damee fayyaatiin kenniinsa tajaajilaa, qaqqabiinsa, qullqullinaafi dhiheessii ilaalchisee  jijjiirama bu’uraa fiduuf kanneen xiyyeeffannoon kennameef keessa dhiheessii qorichaati.

Tajaajilli kun qoricha kan dhiheessu bajatasaatiin bitee gurgurtaaf kan dhiheessu, ministeerri fayyaa deeggarsa qaamolee biroo irraa argatuun bitee kan dhiheessu ta’uu ibseera.

Haala kanaan walumaa gala bara bajataa 2014 qorichoonni birrii biiliyoona 51 tuqaa 5n bitamuusaanii yaadatanii, kana keessaa qorichoonni birriin biiliyoona 42n bitaman dhaabbilee fayyaaf raabsamuusaanii dubbataniiru.

Qoricha H.I.V, busaafi TB dabalatee yeroo ammaa qorichi birrii miiliyoona 15 baasu kuusaa keessatti akka argamu eeraniiru.

Bara kana bajata idileetiin qofa qoricha birrii miiliyoona 17 n bituuf karoorfamuu ibsanii, bittaan qorichaa ministeera fayyaafi dhaabbilee deeggartootaa waliin taasifamu bittaa bara darbe raawwate akka caalu dubbataniiru.

Qorichoonni dursi kennamuuf kanneen akka qoricha sammuu, sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi kaneen biroon guutummaatti dhiheessuuf karoorfamuu eeraniiru.

Karoora kana milkeessuuf qaamoleen dame fayyaafi kanaan ala jiran akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.

Hojmaata sirna bittaa si’ataa diriirsuuf tajaajila geejjiba galaanaa fi lojistiiksii Itiyoophiyaa, daandii qilleensaa, Gumuruukaafi qaamolee biro waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Raabsii ilaalchisee qorichi biyya keessa erga galee booda hatattamaan fayyadamtoota akka qaqqabu hojmaanni ammayyaa hojiirra oolaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015