Itiyoophiyaan Miseensa Kaawunsilii Dhaabbata Siviil Aviyeeshinii Idil Adduynaa Taatee Filatamte

Fulbaana 25 /2015 (TOI) Itiyoophiyaan miseensa kaawunsilii dhaabbata siviil aviyeeshinii idil addunyaa taatee filatamuushee ministirri geejjibaafi loojistiiksii adde Daagimaawiit Mogos ibsan.

Itiyoophiyaan yaa’ii 41ffaa dhaabbata siviil aviyeeshinii idil addunyaa Kaanaadaa Moontiriyaalitti adeemsifamaa jirurratti miseensa kaawunsilii ta’uun sagalee guddaan filatamuushee ministirittiin fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015