Itiyoophiyaan biyyoota qabeenya horachuuf mijatan keessaa sadarkaa 3ffaa irra jirti

108

Ebla 17/2011 Itiyoophiyaan biyyoota qabeenya horachuuf mijataa ta’an keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argamuu ishee giloobaal weelzi riiviw bara faranjootaa 2019 gabaase eeruun Ejensiin Pireesii Afriikaa gabaaseera.

Dhaabbanni teessoo isaa Afriikaa Kibbaa godhate kun gabaasa isaa guddina qabeenyaa waggoota kudhanii ka’umsa godhachuun dhibbantaan yeroo shallagu Chaayinaan dhibbantaa 130n sadarkaa 1ffaan yoo kennamuuf, Moriishiyeesiin dhibbantaan 124n 2ffaa akkasumas Itiyoophiyaan dhibbantaa 102n sadarkaa 3ffaa qabachuu ishee odeeffannichaan eerameera.

Itiyoophiyaan sadarkaa guutuu addunyaatti dinagdee dhuunfaa raawwatamuuf  doolaara Tiriiliyoona 204 gumaachiteetti jechuu akka ta’e odeeffannoo kanaan eerameera.

Itiyoophiyaan qabeenya dinagdee dhuunfaa isheen haala amansiisaan guddina qabeenyaaf dandeettii uumuuf biyyattiin Arfiikaa Kibbaa fi Gibtsiitti aantee sadarkaa 3ffaa irratti argamti.

Waggoota kurnan itti aanaanitti Itiyoophiyaan Arfiikaa keessaa gama dinagdeen gumaachi isheen taasiftu harka dhibba keessaa 34 ni dabala jedhamee akka eegamu fuula weeb saayitichaarraa kan dubbifame yoo ta’u, dhuma bara 2027 A. L.Atti gumaachi ishee doolaara Tiriiliyoona 3.1 akka ga’u eereera.

Hangi qabeenya addunyaa waggoota kurnan darban qofa dhibbantaa 26n guddachuu isaa fi bara 2008 A.L.A doolaara Tiriiliyoona 161 turerraa dhuma bara 2018 irratti gara doolaara Tiriiliyoona 204 guddachuu isaa Ejensiin Pireesii Afriikaa gabaaseera.

Bara 2028 A. L.A qabeenyi dingdee addunyaa dhuunfaa isaa dhibbantaa 43 guddachuun doolaara Tiriiliyoona 291 ga’uu danda’as jedheera.

Afrfiikaanis qabeenya sadarkaa dhuunfaan gaggeeffamaa jiru doolaara Tiriiliyoona 2.3 ga’uusaa gabaasicha waabii godhachuun weebsaayitichi dubbisiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015