Gatiin Qinxaaboo Boba’aan Itti Gurguramurratti jijjiiramni taasifame

60

Fulbaana 19/2015 (TOI) Gatiin qinxaaboo boba’aan itti gurguramu irratti

jijjiiramni taasifamuusaa ministeerri daldalaafi walitti hidhiinsa riijinii beeksise.

Haala kanaan Fulbaana 18/2015 walakkeessa halkaniirraa irraa kaasee Finfinneetti gatiin gurgurtaa boba’aa  qinxaaboodhaan akka armaan gadiitti murtaa’eera.

1. Beenzilli liitiroon tokko– birrii 57 fi saantima 05,

2. Naafxaan adii liitiroon tokko– birrii 59 fi saantima 90,

3. Keeroosiniin liitiroo tokko – birrii 59 fi saantima 90 tti akka gurguramu murtaa’eera.

Kanaan walqabatee gatiin amma itti gurguramaa jiru hojiirra akka oolanis ministeerichi beeksiseera.

Haala kanaan boba’aan xayyaaraa liitiroon tokko birrii 76 fi saantima 87, naafxaan gurraachi salphaan birrii 43 fi saantima 89, naafxaan gurraachi ulfaataan birrii 43 fi saantima 06 ta’uudhaan itti fufu.

Geejjiboonni ummataa yeroo ammaa daballiin akka hin taasifamne beekameera.

Konkolaattonni kunneen gatii baatii adoolessaa murtaa’een beenziliin liitiroodhaan birrii 41 fi saantima 26, akkasumas naafxaan adiin birrii 40 fi saantima 86n akka itti fufan yoo taasifamu, geejjiba ummataarratti daballiin tokkollee akka hin taasifamnemisinteerichi ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015