Waliigalteen deeggarsa Kilinikootaa bakka bakkaatti sochoofanii dhiheessuu mallateeffame.

92

Fulbaana 18/2015(TOI) - Mootummaan Jaappaan waliigaltee deeggarsa Kilinikootaa yaala fayyaa bakka bakkatti sochofamaaniif taasisuuf Ministeera Maallaqaa waliin waliif mallateesse.

Waliigaltee deeggarsaa kana Itoophiyaatti ambaasaaddara Jaappaan Itoo Takaakoofi deetaa ministira Maallaqaa Samareetaa Sawaasawu mallateessaniiru.

Haala waliigaltee kanaan mootummaan Jaappaan Kilinikoota bakka bakkatti sochoofaman 10 birrii miliyoonaa 185 kan baasaan dhiheessa.

Kilinikoonni kunneen meeshaalee yaala fayyaaf barbaachisan kan guutatan ta'uus himameera.

Kilinikoonni bakka bakkatti sochofaman kunneen Naannoo Gambeellaa, Affaar, Somaalee, Uummatoota Kibbi Lixa Itoophiyaafi Beenishaangul Gumuztti horsiise bultootaafi kanneen sababa adda addaan qe'ee isaanirraa buqqa'anii jiraniif tajaajila kan laatudha jedhameera.

Sirna waliigaltee mallateessuu kanarratti Ministirri Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015