Manneen Tola ooltummaa Gannaatiin Ijaaramaniifi haaromfaman kennaman

77

Fulbaana 17/2015/TOI/–Manneen warren human hinqabneef bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti ijaaramaniifi haaromfaman walharkaa fuudhinsi taasifame.

Manneen walharkaa fuudhiinsi taasifaman 79 ta’uunis ibsameera.

Ijaarsiifi haaromsi manneen kanaa dargaggoota, abbootii qabeenyaafi tola ooltota kanneen biroon ta’uun beekameera.

Kanneen manni ijaarameefi haaromfameef rakkoo keessa turan kan fureef ta’uu ibsanii, deeggarsa taasifameefis galateeffataniiru.

Itti gaafatamtuun waajjira dubartootaafi daa’immanii magaalaa Shaashamannee adde Gannat G/Amlaak kutaalee Hawaasaa rakkatoofi human hin qabne deeggaruun hundarraa akka eegamu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa kanaan duras deeggarsa wal fakkaatu taasisaa akka ture yaadatanii, ammas sagantaa  tola ooltummaan manneen 37 haaraa ijaareera, 42 ammoo haaromseera jedhaniiru.

Maallaqni karaa tola ooltummaatiin baasii ta’e birrii miiliyoona 10 olitti akka tilmaamamus dubbataniiru.

Kana malees bulchiinsi magaalaa tola ooltota qindeessuudhaan barattoota maatii harka qalleeyyii kuma 3 fi 500f birrii miiliyoon 2 tuqaa 2 baasii gochuunmeeshaalee marmootaa deeggaruusaa yaadataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015