Masqalli ayyaana Amantaarra darbee Biyya Keenya Addunyaatti Beeksisuuf Iddoo Guddaa Qaba-Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa

115

Fulbaana 17/ 2015(TOI)  Masqalli ayyaana amantaarra darbee biyyi keenya maqaa gaariin akka waamamtu, aadaa keenya beeksisuufi tokkummaa cimsuutiin iddoo guddaa qaba jedhan Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Silashii Baqqalaa.

Lammiileen Itiyoophiyaa Ameerikaa Waashiingiteeniifi naannawashee jiraatan ayyaana damaraa Masqalaa bataskaana Mikaa’iliifi naannawa sanatti argamanitti sirna dammaqeen kabajaniiru.

Ambaasaaddarri Silashii Baqqalaa, dureen phaaphaasota Waashiingitee Disii fi naannawashee qulqulluu Abuna Faanu’eel, akkasumas hordoftoonni amantoootaa fi abbootii amantaa sirna ayyaaneffannaa bataskaana Mikaa’ilitti taasifame irratti argamaniiru.

Qulqulluu Abuna Faanu’eel ergaa dabarsaniin ayyaanni Masqalaa mallattii tokkummaafi ifaa waan ta’eef ummanni kiristaanaa fakkeenya kana qabachuudhaan adda ba’uurra waliif yaaduu, diiguurra biyya eeguuf dursa kennuu qaba jedhaniiru.

Biyyi keenya gufuu ishee mudate ceetee gara nagaafi tasgabbiitti ittiin beekamtuutti akka deebitu tokkummaa cimsuudhaan lammiilee buqqa’an deeggaruuf bataskaanni hordoftootashee hirmaachiftee deeggarsa akka taasiftu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Silashiin gamasaaniitiin masqalli ayyaana amantaa ta’uurra darbee biyyaafi  aadaa keenya beeksisuufi tokkummaa gama cimsuutiin iddoo guddaa kan qabu, ayyaana lammiileen Itiyoophiyaa waliin kabajan fakkeenya tokkummaafi waliif yaaduu addunyaarratti kan ittiin mul’annu ayyaana guddaadha” jedhaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa biyya keessaafi biyya alaa jiran tokko ta’anii birmadummaa biyyaa ittti fufsiisuuf yaalii taasifamu keessatti shoorasaa akka ba’u gaafataniiru.

Biyyi keenya yeroo ammaa tokkummaa, duudhaalee wal kabajuu, kanneen deeggarsa barbaadan deeggaruufi kanneen miidhaman jajjabeessuu ilaalchisee bataskaanni Ortodoksii deeggarsa jalqabde cimisitee akka itti fuftu Ambaasaaddar Silashii waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015