"Ayyaanni Masqalaa duudhaa amantii bira darbee hambaa aadaa ummata Itoophiyaati" -Doktar Yiliqaal Kaffaalaa

139

Fulbaana 16/2015(TOI) - Ayyaanni Masqalaa Duudhaa amantaa bira darbee hambaa aadaa ummataa Itoophiyaati jedhan Pirezidantiin Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffaalaa.

Doktar Yiliqaal, ayyaana Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaasaaniin ayyaanni Masqalaa duudhaa aadaa ummata biyyattii kan baroota dheeraa lakkoofsise ta’uu kaasuun ayyaanichi duudhaa amantaa bira darbee hambaa aadaa ummata ityoophiyaatis jedhan.

Masqalli mallattoo abdii, ifaafi injifannoo yoo ta’u, damaraan ammoo fakkeenya tokkummaafi gamtaati ibsan.

Akka biyyaattis rakkoolee mudatan waloon qabsaa’uun injifachuu kan dandeenyu tokkummaan yoo dhaabbanee ta’uu hubachuu qabna jedhaniiru.

Wayita ayyaanicha kabajnuu ittifufiinsaa ummataafi biyyaaf Raayyaa Ittisa Biyyaa diinaa dura dhaabbachaa jiruuf, gaachanummaan gama hundaan akka cimu waamicha dhiyeessuun, hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015