Guyyaan turizimii biyyaaleessaa 35ffaan Itoophiyumaa karaa calaqisiisuun kabajameera

105

Fulbaana 15/2015(TOI) - Guyyaan turizimii biyyaaleessaa 35ffaan Itoophiyumaa karaa calaqisiisuun kabajameera jedhan Pireezidaantiin naannoo Beenishaanguul Gumuz obbo Ashaadilii Hasan.

Sadarkaa biyyaatti guyyaan turizimii guyyoota sadiif magaalaa Asoosaatti kabajamaa ture xumurameera.

Obbo Ashaadiliin sirna xumuraa kabaja ayyaanichaa kanarratti akka dubbatanitti ayyaanichi karaa tokkummaa Itoophiyaa calaqisiisuun kabajamee xumurameera.

Ayyaanicha sababeeffachuun Hidha haaromsaa Guddicha Itoophiyaa dabalatee bakkeewwan hawaata turizimii biroo naannicha keessa jiru daawwatameera.

Turzimii Itoophiyaa beeksisuuf yaanni haaraa kan barbaachisu ta'uu Ministirri Turizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii himaniiru.

Itoophiyaannoonni hundii qabeenyaa isaa haala gaariin baruu irraa qabee maqaa gaarii biyya isaa beeksisuu keessatti gaheessa bahuu qaba jedhaniiru.

Damee turizimiirratti dhaabbileen tajaajila laacha jiran tajaajila kennaan akka ammayyoomsan,akkasuma Yunivarsiitiwwaniifi koolleejjoonni barnootaafi leenjii gochaarratti xiyyeeffate akka barsiisuufi leenjisuu qabu jedhaniiru.

Jiraatoonni magaalaa Asoosaa akka himanityi ayyaanichaan naannichi haala gaariin beeksifameera.

Qaamolee ayyaanichii karaa nagaan akka kabajamu shoora bahan hundaaf waraqaan beekamtii laatameefira.

Ayyaana guyyaa turizimii 36ffaa kabajuuf Naannoo Uummatoota kibba lixa Itoophiyaa filameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015